Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Karoora yaala balaa tasaa fi wallaansa cimaa waggaa 5 ifatti eegalchiise

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC) – Ministeerri Fayyaa Karoora yaala balaa tasaa fi wallaansa cimaa waggaa 5 ifatti eegalchiise.
Karoorichi rakkoolee yaala balaa tasaa fi wallaansa cimaa muudatan hambisuuf ni gargaara jedhame.
Hanga ammaatti tajaajilli kutaa yaala balaa tasaa fi Wallaansa cimaa dhaabbilee yaala fayyaa hunda keessatti akka jiraatan taasiifamuu ibsameera.
Yeroo ammaa kutaalee biyyattii hunda keessatti Ambuulaansoonnii kumni 3 ol damichaan tajaajila laachaa jiraachuu himameera.
Waggoota shanan dhufan keessatti damicha caalmaatti guddisuuf hirmaannaa hawaasaa cimsuun miidhaa yaala balaa tasaa keessatti qaqqabu hir’isuuf kan hojjetamu ta’uu ibsameera.
Karoorichaan tajaajila yaala balaa tasaa fi wallaansa cimaa hunda qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu himameera.
Karoora waggaa shanii kana hojiitti hiikuuf Birrii biiliyoonni 3.3 kan barbaachisu ta’uu waltajjii kallattii ministeerichi qooda fudhattoota waliin taasiisaa jirurraa hubachuun danda’ameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.