Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi lammiilee galii gadi aanaa argataniif ijaarsa gamoo mana jireechaa eegalchiise

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC)- Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa lammiilee galii gadi aanaa argataniif ijaarsa gamoo mana jireechaa eegalchiise.

Ministeerichi ijaarsa gamoo mana jireenyaa abbaa darbii 4 abbootii warraa 64 fayyadamoo taasisu kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti eegalchiiseera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa wareegama daangaa biyyattii kabachiisuuf kaffaluun cinaatti uummanni wayita rakkoof saaxilamu dafee dhaqqabaa jiraachuu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay saganticharratti dubbataniiru.

Ministeerichi ijaarsa gamochaa yeroo gabaabaa keessatti xumursiisuun jiraattotaaf dabarsee kan laatu ta’uu ibsaniiru.

Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamuu gamasaaniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa rakkoo hawaasaa salphisuun itti gaafatamummaa isaa ba’achuuf tattaaffiinni taasisu uummattummaa isaa daran kan calaqisiisu ta’uu ibsaniiru.

Irree gamtoomeen rakkoolee hundeerraa buqqisuun guddina Ityoophiyaa ni mirkaneessina jechuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.