Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Moolida sababeeffachuun lammiilee daandiirra jiraataniif maaddii qoode

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015 (FBC) – Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ayyaana Moolidaa sababeeffachuun harka qalleeyyii daandiirraa jiraan 100’f sagantaa maaddii qooduu gaggeesseera.

Ministeerichi dhimmoota misoomaa, diinagdee fi hawaasummaarratti hojjechuu bira darbee tajaajila tola ooltummaarratti hirmaachaa jiraachuun eerameera.

Haaluma kanaan kutaalee hawaasaa daandiirra jiraataaniif sagantaa maaddii qooduu gaggeessuu Itti Gaaftamaan Waajjiraa Ministeerichaa Obbo Abdiisaa Yaadataa ibsaniiru.

Sagantaa maaddii qooduu kanas Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa fi dhaabbilee waamamoo, abbootii qabeenyaa akkasumas bulchiinsa Aanaa 6 Kutaa Magaala Boolee waliin ta’uun, lammiilee daandiirra jiraatan 100 ta’aniif sagantaan maaddii qooduu gaggeeffamuu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.