Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi naannoo Oromiyaatti lammiilee hongeen miidhamaniif Birrii miiliyoona 9.8tti tilmaamamu deeggarsa taasiise

Finfinnee, Adoolessa 29, 2014 (FBC) – Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa naannoo Oromiyaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 9.8tti tilmaamamu taasiiseera.

Deeggarsichi seektaroota mootummaa garaagaraarraa kan walitti qabame ta’uu Ministir Deetaan Ministeerichaa Aadde Alamituu Uumad ibsaniiru.

Aadde Alamituun deeggarsicha gorsituu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aadde Taarikee Subbaaf laataniiru.

Deeggarsichi lammiilee godinaalee Baalee, Gujii, Booranaa fi Harargee hongeen miidhamaniif kan oolu ta’uu Aadde Taarikeen ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.