Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi naannoo Tigraayiif qorichootaa fi meeshaalee yaala fayyaa dhiyeessaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Ministeerri Fayyaa dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun qorichootaa fi meeshaalee yaala fayyaa naannoo Tigraayiif dhiyeessaa jiraachuu beeksiseera.

Ministeerichi Ministeera Dhimma Alaa FDRI fi Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa waliin ta’uun dhaabbilee idil addunyaa qindeessuun meeshaalee  yaala fayyaa naannichaaf dhiyeessaa jiraachuu eerameera.

Baatiwwan shanan darban qofaatti qorichootaa fi meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 45tti shallagaman naannichaaf erguu ibsameera.

Dabalataanis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa  meeshaalee yaala fayyaa fi nyaata madaalamaa baatiwwan sadiif tajaajiluu danda’an namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 1’f oolan gara naannichaa erguu addeesameera.

Akkasumas meeshaaleen yaala fayyaa bu’uuraa Doolaara miiliyoona 1.2tti tilmaamamanii fi qorichoota ittisa koleeraa fi busaa dabalatee nyaanni madaalamaan meetrik tooniin kuma 64 ol dhiyaachuu ministeerichi ibseera.

Gama Waldaa Fannoo Diimaa Idil Addunyaan namoota walakkaa miiliyoonaa ta’aniif qorichoonni baatiiwwan sadiif tajaajilan meetirik toonii kumni 58 ol akkasuma gama dhaabbilee tola ooltotaan meeshaaleen yaala fayyaa meetirik tooniin kumni 76 dhiyaachuu eerameera.

Dabalataan ministeerichi qorichoota garaagaraa gama Waldaa Fannoo Diimaa Idil Addunyaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaan naannicha qaqqabsiisuuf qophiirra jiraachuu ministeerichi beeksiseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.