Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Aadaa fi Tuuriizimii gabaasa raawwii karoora  baatiiwwan 9 dhiyeessaa jira

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) – Ministeerri Aadaa fi Tuuriizimii  gabaasa raawwii karoora bara baajata 2013 kan baatiiwwan 9 magaalaa Harariitti dhiyeessaa jira.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaw  akka ibsanitti, guddina damichaaf muuxannoo wal jijjiiruun seektarichi hariiroo ummattootaa cimsuun biyya keenyaatti jalaallii, nageenyii fi tokkummaa akka umamuuf waloon hojjechuuf yeroon isaa amma jedhaniiru.

Hoogganaan Biiroo Aada fi Tuuriziimii mootummaa naannoo Hararii obbo Diinii Ramadaan, naannolee walii waliin yeroo itti muuxannoo wal jijjirruu fi akkasumaas damichi tokkummaa fi nageenyaa ummattootaaf gahee qabu guddisuuf tumsaan hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Waltajjichi gabaasa raawwii karooraa baatiwwan 9 fi karoora baatiwwan itti aanaa hafaan kan itti dhiyaatuu ta’uu ragaan Ministeera Aadaa fi Tuurizimiirra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.