Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Albuudaa fi Inarjii dhaabbilee 6f eeyyama oomisha albuuda laate

Finfinnee, Fulbaana 20. 2014 (FBC)- Ministeerri Albuudaa fi Inarjii dhaabbilee 6f eeyyama oomishaa albuudaa laachuu ibsameera.
Ministeerichi eeyyama kan kenne Ityoophiyaatti eeyyama qorannoo albuudaa fudhatanii bu’a qabeessummaan isaanii mirkanaa’e Warqeerratti dhaabbilee 3, Imnabaradiin 2 akkasumas Broomiinii fi Kilooriinii dhaabbata 1 oomishuuf iyyata galfataniif ta’uu ibsameera.
Dhaabbilee eeyyamicha argatan keessaa 2 kan biyya keessaa yoo ta’an 4 ammoo dhaabbilee biyya alaa Ta’uu Ministirri Ministera Albuudaa fi Inarjii Injiinar Taakkala Uumaan ibsaniiru.
Dhaabbileen jahan Ityoophiyaatti kan galmaa’an ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.