Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Barnootaa Hoggantoota Olaanoo Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin ta’uun qophii manneen barnoota daawwatan

Ministeerri Barnootaa Hoggantoota Olaanoo Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin ta’uun qophii manneen barnoota daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC)- Ministeerri Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa Hoggantoota Olaanoo Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin ta’uun qophii manneen barnoota daawwataniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa qophii barnootaa bara 2013 ilaslchisuun Godina Addaa Finfinnee magaalaa Sabbataatti argamuun daawwanaa taasisaa jiru.

Bara kana Bulchiinsa magaalaa Sabbataatti daree dabalataa Birrii miiliyoona 81 oliin ijaaramaa jira.

Bulchiinsi magaalichaa bara baajataa kanatti dareewwan dabalataa 171 ijaaruu Kntiibaan Bulchiinsa magaalaa Sabbataa obbo Biraanuu Baqqalaa ibsaniiru.

Manni barnootaa sadarkaa 1ffaa Mulugeetaa Gadallee Birrii miiliyoona 49 oliin abbootii qabeenyaa magaalichaan ijaaramaa jira.

Akkasumas Manni barnootaa Koochee sadarkaa1ffaan Birrii miiliyoona 7.5n Abbaa qabeenyaa “one water” yookaan Abbaa Hawwaa tradingiin akka haaraatti ijaaramaa jirus daawwatameerra.

Mana baruumsaa Diimaa Maanyoo Sadarkaa 1ffaaf Dhaabbanni “coca cola” daree dabalataa meeshaa guutuu waliin Birrii miiliyoona 7.2 ijaarsisee eebbifameera.

Ministiirichaan manneen barnootaa kunneenis bara barnootaa 2013f qophii tahuudha kan himame.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.