Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa dhaabbata Poolish Seenter Foor Internaashinaal Eeyid jedhamu waliin hojjechuuf waliigale

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) –Ministeerri Fayyaa tajaajila balaa tasaa fi dhibee wal’aansa cimaa fooyyessuuf dhaabbata ‘Poolish Senter Foor Internaashinaal Eeyid’ jedhamu waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.
Waliigaltichi Ambuulaansii wal’aansa balaa tasaaf ooluu, leenjii ogeeyyii fayyaa balaa tasaa, tajaajila duraa dhaabbilee fayyaa guddisuu, giddugala waamichaa fi giddugala bobbii cimsuuf balaawwan tiraafikaa fi jumlaan mudatanirratti haala ga’umsa ogeeyyii fayyaa fooyyessuun danda’amurratti leenjii kennuu kan haammatu ta’uu ibsameera.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa proojektichi guutummaan guutuutti mootummaa Poolaandiin kan deeggaramu ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas sirna tajaajila fayyaa cimaa ta’e ijaaruuf gumaachuu danda’a jedhaniiru.
Dooktar Liyaan mootummaan Poolaandii fi giddugalli deeggarsaa Idil Addunyaa Poolaand deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.