Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa FDRI vaayrasii koroonaa ittisuuf, ogeeyyii tola ooltotaatif waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Ministeerri Fayyaa FDRI vaayrasii koroonaa ittisuuf, ogeeyyii tola ooltotaatif waamicha dhiyeesse.
 
Ministeerichi ogeeyyiin tola oolmadhaan vaayrasicha ittisuuf hojjechuu fedhan akka galmaa’an waamicha dhiyeessera.
 
Weerarri vaayrasichaa hammaachaa dhufnaan tola ooltonni kan barbaachisan ta’uu beeksiseera.
 
Haaluma kanaan;
 
1. Ogummaa fayyaatin ebbifamanii hojiitti kan hin seenne
 
2. Ogeeyyiin fayyaa dhaabbilee dhuunfaa keessa hojjetan
 
3. Ogeeyyiin fayyaa sooromaa fi sababii addaddaatin hojiirra hin jirre (tajajaila idileetif)
 
4. Barsiisonni dhaabbilee barnoota olaanoo
 
5. Barattoonni ogummaa fayyaa(mootummaa fi dhuunfaa) waamicha dhiyaaten hammatamaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.