Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa Raashiyaa talaalli Covid-19 haaraa argatan oomishuu akka eegalan ibse

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (FBC) –  Ministeerri Fayyaa Raashiyaa talaalli Covid-19 haaraa argatan oomishuu akka eegalan ibse.

Minsiteerri kun ibsa baaseen xumura ji’a kanaarratti talaalliin kun ni dhiyaata jedhe.

Ogeeyyiin fayyaa hedduun Raashiyaan ariitiidhaan dawaa haaraa kana oomishtee dhiyeessuuf jettee of-eeggannoo godhamuu qabu laaffisaa jirti jedhan.

Raashiyaa keessatti ogeeyyiin fayyaa hedduunsaanii talaallii haaraa kanarraa amantee hin qabnu jechuun talallicha hin fudhannu jechaa jiru.

Preezdaantiin biyyattii Vilaadmiir Putiin talaalliin kun ulaagaalee hedduu keessa darbee as ga’e, bu’a qabeessuummaansaas mirkanaa’eera jedhanii turan.

Intalliisaanii talaallii kana fudhachuus himanii turan.

Raashiyaan kabaja saatalaayitii jalqabaarraa ka’uun maqaa talaallii haaraa kanaa ‘Sputnik V’ ittiin jette.

Ispuutiniik jechuun afaan Raashiyaatiin saataalaayitii jechuudha.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.