Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa tarsiimoo tajaajila fayyaa waggoottan kurnan itti aananii ifoomse

Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC) – Ministeerri Fayyaa Sagantaa tarsiimoo tajaajila fayyaa biyyattii waaggoottan kurnan itti aananii ifoomseera.
Ministeerichi har’a bakka ministiroonnii fi qooda fudhattoonni tajaajila fayyaa argamanitti tarsiismoo waggoottan kurnan itti aananii ifoomseera.
Sagantaan tarsiimoon fayyaa qophaa’e kun rakkoo kenniinsa tajaajila fayyaa mudachaa ture furuurratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Tarsiimichi fedhii hawaasaarratti kan hundaa’e, humna tajajilaa kan guutu, bu’uuraalee misooma fayyaa ammayyeessuu fi sadarkaa tajaajilaa kan cimsuudha jedhame.
Qulqullina kenna tajaajilaa to’achuu fi guddisuuf kan gargaaru ta’uus ibsameera.
Baasii yaala fayyaa biyyoota alaatiif ba’an hir’isuu, galii sharafa alaa biyyattiin dhimma tajaajila fayyaarra argattu guddisuuf bu’aa olaanaa akka qabu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.