Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwanii adeemsa galii sassaabuu irratti baankoota dhuunfaa shan waliin waliigaltee mallatesse

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii adeemsa galii sassaabuu irratti baankoota dhuunfaa shan waliin waliigaltee mallatesseera.
Sirni galii sassaabuu karaa intarneetiin akka ta’uuf Baankoota kanneen waliin waliigalteen mallattaa’uu Ministir Deettaan Ministeera Galiiwwan obbo Tasfayee Tulluun ibsaniiru.
Kaffaltoonni gibraa iddoo jiranii kaffaltii akka raawwatan kan gargaaru ta’uus dubbataniiru.
Adeemsi kuni qisaa’ina qabeenyaa kan hir’isuu fi yeroo kan qusatu ta’uu obbo Tasfaayeen eeraniiru.
Ministeerichi Ejansii Nageenya Odeeffaannoo dabalatee Baankii Daldalaa, Awaash, Daashiin, Hibratiii fi Birihaan waliin waliigaltee mallatteesseera.
Bisiraat Mangiftuutu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.