Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwanii baatii Muddee Birrii biliyoona 18.1 walitti qabe

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii baatii Muddee Birrii biliiyoona 18.1 walitti qabuu beeksise.

Ministeerichi baatii Muddee bara 2012tti Birrii biliiyoona 18 walitti qabuuf karoorfatee, birrii biliiyoona 18.1 walitti qabuu isaa ifoomsee jira.

Raawwiin kun kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame %22.9 caalmaa qaba jedhameera.

Galii biyya keessaa irra Birrii biliiyoona 8.59, qaraxaa fi gibira irraa ammoo Birrii biliiyoona 9.5 walitti qabuu isaa ibseera.

Raawwichi gaarii ta’uus garaagarummaa sassaabii dameewwan gidduu jiru dhiphisuun galii fooyya’aa walitti qabuuf kan hojjetamu ta’uu ragaan ministeerichaa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.