Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwanii karoora waggaa kudhaniirratti mari’ate

Finfinnee, Amajjii 16, 2012 (FBC) –Ministeerri Galiiwwanii FDRI karoora badhaadhinaa waggaa kudhaniirratti mari’ate.
 
Ministeerichi waajjiraalee waamomaan isa jala jiran waliin karoora waggaa kudhaniirratti mari’ateera.
 
Ministir deettaan Ministeera Galiiwwanii obbo Zamadee Tarrafaan ministeerichii fi waajjiraaleen waamamoosaa waliin( Koomiishiniin Guumruukaa fi Lootariin Biyyoolessaa) karoora badhaadhinaa sadarkaa biyyoolessaa fi raawwii galiiwwanii waggoottan darbanii ka’umsa godhachuudhan karoorri waggaa 10 qophaa’uu ibsaniiru.
 
Walitti qabiinsa galiiwwanii cimsuu, daldala seeran alaa fi koontiroobaandii ittisuu, diinagdee biyyattii jabeessuu, kaffaltoota taaksii fi gibiraa waliin tumsaan hojjechuu, damicha teeknooloojiin deeggaramuu fi ammayyeessuun karoorichaan qabameera.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.