Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Geejjibaa fi Dhaabbanni Sagantaa Nyaataa Addunyaa Sanada waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Ministeerri Geejjibaa fi Dhaabbanni Sagantaa Nyaataa Addunyaa Sanada waliigaltee mallatteessuun ibsameera.
Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogasii fi Dhaabata Sagantaa Nyaata Addunyaatti bakka bu’aan Ityoophiyaa Dooktar Istiivan Weer waliigalticha mallatteessuu ibsameera.
Waliigaltichi damee loojistikii saffisiisuu fi adeemsa dhiyeessii fooyyessuuf akka ta’e ibsameera.
Dabalataan waliigaltichi karoora misoomaa waggaa 10 ministeerichaa milkeessuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.
Waliigaltichi damichaan deeggarsa qorannoo fi teeknikaa, ijaarsa humna namaa fi bu’uuraalee misoomaa Loojistiksii babal’isuuf shoora olaanaa qabaachuu ragaan Ministeera Geejjibaarraa argame ni agarsiisa.
Ministirri Ministeera Geejjibaa Aadde Daagmaawiiti Mogas Dhaabbata Sagantaa Nyaataa addunyaa waliin waloon hojjechuuf qophiin jiraachuu kaasaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.