Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Nageenyaa ogeessota miidiyaa fi qunnamtii hawaasaaf leenjii kenne

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa ogeessota miidiyaa fi qunnamtii hawaasaaf leenjii kenne.

Leenjichi mata duree “miidiyaaleen waliin jireenyaaf” jedhuun gaggeeffameera.

Ministeera Nageenyatti Ministirri Deettaan dame ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyaaleessa aadde Almaaz Makoniin ijaarsi biyyaa kan eegalamu yaada lammiilee keessa ta’uunidha jechuun kan ibsan yoo ta’u, Miidiyaaleen yaada hawaasaa cimsuuf hojjechuu qabu jedhaniiru.

Aadde Almaaz odeeffannoon qulqullina hin qabne walitti bu’insa uumurra darbee biyya ni diiga jedhaniiru.

Waltajjicharratti waraqaan qorannoo garagaraa dhiyaachun irratti mari’atameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.