Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Nageenyaa tumsa piroojaktoota misoomaa naannoo horsiisee bultootaaf kan oolu motar saaykilii 200 deeggarsa taasise

Finfinnee, Eebla 11, 2013 (FBC)- Ministeerri Nageenyaa tumsa piroojaktoota misoomaa naannoo horsiisee bultootaaf kan oolu motar saaykilii 200 deeggarsa taasiseera.
Deeggarsichi fayyadamummaa misoomaa hawaasaa horsiisee naannoo gammoojjii jiraatu mirkaneessuu kan fayyadu tahuu ibsameera.
Deeggarsichaan naannoo Oromiyaaf motar saaykilii 36, Somaaleef 72, Afariif 40, Beenishaanguul Gumuuziif 18, Kibbaaf 18, Gambeellaaf 16 kan rabsame wayita tahu, bakka bu’oonni qaamooleen dhimmi ilaalatu naannoolee jahaa bakka argamanitti wal harkaa fuudhinsi gaggeeffameera.
Haala jireenyaa hawaasaa jijjiiruuf deggarsi kan itti fufu tahuu ibsuun, dhiyeenyaatti konkolaattoonni 81fi deeggarsi barbaachisu akka rabsamu Ministirri Deettaan Ministeera Nageenyaa Dooktar Siyyuum Masfiin ibsaniiru.
Qindeessaan piroojaktichaa obbo Sa’id Umar naannoole jaha keessuumattu hawaasa horsiisee bulaaf naannoo gammoojjii jiraatu bu’uuraaleen misoomaa daandii kan hinqabne aanoota 100 irratti hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.