Ministiroonni Alaa Angoolaa, Maalaawwii, Rippaablika Koongoo fi Maadaagaaskar Finfinnee galan
Finfinnee, Guraandhala 4, 2017 (FMC) – Ministiroonni Dhimma Alaa Angoolaa, Maalaawwii,Rippaablika Koongoo fi Maadaagaaskaar Walga’ii Idilee 46ffaa Hoji Raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Ministirri Hariiroo Alaa Angoolaa Ambaasaaddar Teettee Antooniyoo, Ministirri Dhimma Alaa Maalaawwii Naansii Teemboo, Ministirri Ministeera Dhimmalaa Rippaablika Koongoo Kilaawud Gaakoosoo fi Ministirri Dhimmaa Maadaagaaskast Raasaattaa Raafaaraavaaviitaafikaan Finfinnee galaniiru.
Ministiroonni kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon simatamaniiru.
Zabiib Taklaayitu gabaase.
#Oromia #Ityoophiyaa