Ministiroonni Alaa Sudaan Kibbaa, Riippaablika Giddugaleessa Afrikaa, Keeniyaa fi Siisheelsi Finfinnee galan
Finfinnee, Guraandhala 4, 2017 (FMC) – Ministiroonni Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa, Keeniyaa, Riippaablika Giddugaleessa Afrikaa fi Siisheelsi Walga’ii Idilee 46ffaa Hoji Raawwachiiftoota Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Riippaablika Giddugaleessa Afrikaa Siilvii Baayippoo, Ministirri Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Sudaan Kibbaa Ramadaan Mahaammad Abdallaa, Ministirri Alaa fi Itti Gaafatamaan Dhimmoota Diyaaspooraa Keeniyaa Muusaaliiyaa Muddaavaadii fi Ministirri Dhimma Alaa fi Tuurizimii Siisheelsi Siilveestiree Raadagoondeen Finfinnee galaniiru.
Ministiroonni Kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon simatamaniiru.
Zabiib Taklaayitu gabaase.
#Oromia #Ityoophiyaa