Fana: At a Speed of Life!

Ministiroonni dhimma alaa fi bishaanii Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan preezdaant Doonaald Traamp waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Ministiroonni dhimma alaa fi bishaanii Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traamp waliin mari’atan.
 
Marichi waltajjii ministiroota dhimma alaa fi bishaanii Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan taasisaa jiraniin cinaatti kan gaggeeffame ta’uu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Fitsuum Araggaan ibsaniiru.
 
Ministiroonni biyyoota sadanii dhimma Hidha Haaromsaarratti Ameerikaa Waashiingitanitti mari’achaa jiru.
 
Biyyoonni sadan marsaa addaddaatin dhimma hidhichaarratti mari’achaa turuun ni yaadatama.
 
Guutinsaa fi gadilakkisa bishaaniirratti kan mari’atan yammuu ta’u, marii marsaa 4ffaa dhiyeenya taasifameen Gibts guutinsa bishaaniirratti yaada haaraa qabattee dhiyaachuu isheetin waliigaltee malee goolabamuun isaa ni yaadatama.
 
Mariiwwan amma ammaa gaggeeffaman waliigaltee malee goolabamuu isaanii gamaaggamuuf Waashiingitanitti mari’achaa jiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.