Fana: At a Speed of Life!

Ministiroonni Dhimma Alaa Gibts, Joordaanii fi Iraaq marii sadee gaggeessan

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) – Ministiroonni Dhimma Alaa Gibts, Joordaanii fi Iraaq dhimmoota naannichaa fi marii waliigaltee sadee gaggeessaniiru.
 
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Gibts Saamii Shikurii, kan Joordaan Aymaan Saafaadii fi kan Iraaq Fo’aad Hasan marii kanarratti hirmaataniiru.
 
Kaayyoon marichaa baatii Hagayyaa Oomaaniitti waliigaltee sadee eegalan itti fufsiisufi jedhame.
 
Biyyoonni kunneen tumsa imaammata isaanii giddusuun hariiroo diinagdee, nageenyaa, siyaasaa fi aadaa cimsuuf waliigaltee mallatteessanii turan.
 
Mariin gaggeeffame walitti dhufeenya hojiitti hiikkamuu danda’u fooyya’ansa hariiroo diingadeerratti kan xiyyeeffate ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Gibts Saamii Shikurii ibsaniiru.
 
Gufuuwwan muul’ata hariiroo hoggantoota biyyoota sadanii muudatan haala furuun danda’amurratti mari’achuu isaanii eraniiru
 
Maddi:-Shiinwaa
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.