Fana: At a Speed of Life!

Ministiroonni Dhimma Alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Hidha Haaromsaarratti Ameerikaatti mari’achaa jiru

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Ministiroonni Dhimma Alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Hidha Haaromsaarratti Ameerikaatti mari’achaa jiru.
 
Ministiroonni kanneen kaleessaa eegalee akkaataa beellama isaanii kanaan duraatin Ameerikaa Waashiingitanitti walarguun mari’achaa jiru.
 
Maricharratti ministiroonni bishaanii biyyoota sadanii hirmaachaa kan jiran yammuu ta’u, bakka buutonni mootummaa Ameerikaa fi Baankii Addunyaa taajjabdummaan argamaniiru.
 
Walga’iin teeknikaa dhumaa fi 4ffaan Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts hirmaachisuun torbee darbe Finfinneetti gaggeeffame waliigaltee malee xumuramuun ni yaadatama.
 
Waltajjichi waliigaltee malee kan xumurame Gibts guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaarratti yaada haaraa dhiyeessuu isheetin ta’uu ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsa laataniin beeksisaniiru.
 
Gibts hidhichi waggaa 12 amma 21 keessatti akka guutamu yaada jedhu dhiyeessiteetti.
 
Ityoophiyaan gama isheetin yaadicha kan hin fudhanne ta’uu ibsiteetti jedhan ministirichi.
 
Biyyoonni sadan kanaan dura waggaa 7 keessatti hidhichi akka guutamu waliigalteerra ga’aniit turan.
 
Marii Ameerikaatti taa’amaa jiruun yoo waliigalteerra ga’amuu baatan, waliigalteen Hidha Haaromsaa Kaartuumitti mallattaa’e keeyyatni 10 hojiirra oola.
 
Kana jechuun dhimma ka’u waliigalteen hiiku, yookin ammoo mariisisaa gaafachuu yookin dureewwan biyyoota isaanii beeksisuudha.
 
Kun kan hojiirra oolu biyyoonni sadan yoo waliigalani.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.