Fana: At a Speed of Life!

Ministiroonni Faayinaansii Biyyoota Afrikaa Bahaa roodmaappii daldalaa Gaanfa Afrikaa cimsuu raggaasisan

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Ministirooni misoomaa Afrikaa Bahaa hariiroo Daldalaa Gaanfa Afriikaa cimsuuf kan gargaaru roodmaappii Inisheetiivii Gaanfa Afriikaa raggaasisan.

Ityoophiyaa dabalatee ministiroonni maallaqaa biyyoota Baha Afrikaa Inisheetiivii Daldalaa Gaanfa Afrikaa dhimma daldalaa naannawichaa cimsuu fi tarkaanfii fuulduraarratti marii viidiyoo koonfiraansiin gaggeessaniiru.
Ityoophiyaa dabalatee ministiroonii maallaqaa biyyoota Baha Afriikaa Inisheetiivii Daldalaa Gaanfa Afriikaa dhimma daldalaa naannawichaa cimsuu fi tarkaanfii fuulduraarratti marii viidiyoo koonfiraansiin gaggeessaniiru.

Maricharrattis, Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, faayinaansiin dhiyeesiin pirojektootaa fooyya’iinsa argisiisuu kaasanii, raawii pirojektoota garagaraa kan tumsu waliigaltee maallaqaa Doolaaraa miiliyoona 325 Baankii Addunyaa waliin mallateessuu yaadachiisaniiru.

Inisheetiiviin gaanfaa afriikaa roodmaappii daldalaa naannawaa hojiirra oolchuuf dhaabbileen deeggartootaa akka tumsan gaafataniiru.

Deetaan Ministiraa Ministeraa Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasaahuun Gofee gama isaaniin roodmaappii daldalaa hojiirra oolchuuf hoggansaa fi gorsaa barbachisaan tumsuuf kutannoo jiru ibsaniiru.

Maricharratti Ministiroonni Maallaqaa Ityoophiyaa, Keeniyaa, Jibuutii, Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaa, akkasumaas bakka bu’oonni Baankii Addunyaa, Gamtaa Awurooppaa, Baankii Misoomaa Afrikaa fi IGAD hirmaataniiru.

Inisheetiiviin Gaanfa Afriikaa bara faranjootaa 2019 walta’iinsaa fi hariiroo biyyoota Gaanfa Afriikaa cimsuuf kan hundaa’e yoo ta’u, daldalli inisheetiivii Gaanfaa Afriika keessaa damee tokko ta’uu eeramuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.