Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Raayyaa Ittisaa Xaaliyaan, Gurraandhala 12 idoowwan Ityoophiyaanonni itti ajjeefaman daawwachuufi

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Xaaliyaan Gurraandhala 12 idoowwan Ityoophiyaanonni itti ajjeefaman daawwachuufi.
 
Ministirichi Looreenzoo Gu’eeriinee Gurraandhala 12,1929 loltoonni Xaaliyaan iddoowwan Ityoophiyaanota itti ajjeesan ni daawwatu.
 
Kitaabni ajjeechaa abbootii amantaa Salaale Dabra Libaanoositti raawwatame muul’isu Paawloo Boorsasitti ebbifameera.
 
Ministirichi ebbicharratti haasaa taasisaniin biyyi isaanii gochoota seenaa irratti hirmaattef gaafatama qabdi jedhaniiru.
 
Iddoowwan ajjeechaan itti raawwatame kan daawwatan ta’uus ibsaniiru.
 
Giiftiin Xaaliyaan da’uu ilaalchisuudhan, Ityoophiyaatti bulchaan bakka bu’aa mootummaa Xaaliyaan Fiild Maarshaal Adoolf Graaziyaaniin gammachuudhan masaraa Siddist Kiiloo keessatti argamutti affeerraa irbaataa qopheesset ture.
 
Yeruma sanattis Abrahaam Daboocii fi Moogas Asgadoom boombii darbataniin Graaziyaanii dabalatee hoggansi Xaaliyaan hedduun madaa’aniiru.
 
Graaziyaaniinis aarichaan jiraattota magaalaa Finfinnee fi abbootii amantaa Dabra Libaanoos kuma 30 caalan ajjechiseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.