Fana: At a Speed of Life!

Miseensa ABO Shanee Shaashamanneetti caasaa nageenyaarratti boombii darbaterratti tarkaanfiin fudhatamuu poolisiin beeksise

Finfinnee, Hagayyaa 14, 2012 (FBC) – Miseensa ABO Shanee Shaashamanneetti har’a ganama caasaa nageenyaarratti boombii darbaterratti tarkaanfiin fudhatamuu poolisiin beeksise.
 
Boombichi kan darbatame humni nageenyaa magaalichatti nagaa kabachiisuuf daandii keessa keessaatti hojiirra yeroo naanna’aa turanitti.
 
Taatichi kan mudate har’a ganama naannoo sa’aa 1:30tti ganda 01 yookin Awaashootti.
 
Miseensi Shanee; Kadir Tulee jedhamu kun boombii harkaa darbatee miliquuf yeroo yaalu tarkaanfiin irratti fudhatamuu Poolisiin magaalaa Shaashamannee Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himeera.
 
Shakkamaan lubbuun isaa yoo darbu, caasaa nageenyaarraa tokko miidhamee Hoospitaala Malkaa Odaatti hordoffiin yaalaa taasifamaafii jira.
 
Shakkamaa kana harkatti meeshalaeen waraanaa dabalataan argamuunis ibsameera.
 
Kadir Tuleen waraqaa eenyummaa godina Arsii aanaa Shirkaa kan qabate yoo ta’u, bilbila sochootuu lama, qabattoo maallaqaa fi hidhannoos qaba ture.
 
Magaalaan Shaashamannee sochii idilee duraatti kan deebite yoo ta’u, qaamolee hawaasaa rakkoo nageenyaa tureen miidhamaniif hojiin deebisanii dhaabuu fi deeggarsa taasisuu hojjetamaa jiras jedhameera.
 
Hojiin shakkamtoota to’annaa jala oolchuu itti fufeera kan jedhe poolisichi, qabeenyi saamamee tures deebifamaa jiraan beeksiseera.
 
Haaylayyasuus Siyyuumtu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.