Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni garee shororkeessaa Shanee yakka shororkeessummaaf meeshaalee waraanaa dhoksaan dabarsuuf yaalaa turan to’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) –Miseensonni garee shororkeessaa Shanee yakka shororkeessummaaf meeshaalee waraanaa dhoksaan dabarsuuf yaalaa turan to’atamuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksiise.

Shakkamtoonni garichi lammiilee nagaa akka ajjeesan leenjisuun ergama badii itti laachuun bobbaase keessaa gareen gurmuu Jaafaar Mahammad Saaniin durfamu hordoffii cimaa taasiifamaa tureen to’atamuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa ibsa miidiyaaleef ergeen ibseer.

Shaakkaman kun miseensota badiif gargaaran shan of jalatti gurmeessuun godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultuum ganda Midhaagduu fi Boramacaakaa akkasumas Aanaa Daaroo Labuu Micaataa fi Baddeessaatti lammiilee nagaa fi qaamolee nagaa tiksanirratti gocha shororkeessummaa raawwachuuf sochiirra osoo jiranuu to’ataman.

Tajaajilli Odeeffannoo fi nageenya Biyyaaleessa hordoffii shaakkamaa kanarratti taasisaa tureen gocha badii raawwachuuf meeshaalee qopheeffate Kilaashikoovii tokko, raasaasaa 50, Shugguuxii gosa adda addaa lama, Binitoof fi Sanduuqa raasaasaa sadi waliin to’atameera.

Shaakkaman kun Raadiyoo qunnamtii fageenya Kiloomeetira 60 irratti tajaajila qunnamtii odeeffannoo badiif isa gargaartu waliin kan to’atamee.

Tibbana qofa Rasaasni Kilaashkoovii kumni 40 fi 621,Isinaayiparii 499, Bireenii kuma 4 fi 525 to’atamuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.