Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI daawwannaa tasaa gaggeessaa jiru

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI daawwannaa tasaa manneen murtii federaalaatti gaggeessaa jiru.

Miseensonni koree dhaabbii seeraa, haqaa fi demokraasii mana marichaa guyyoota afuriif mana murtii shari’aa dabalatee, manneen murtii sadarkaa jalqabaa, olaanaa fi waliigalaa ni daawwatu jedhameera.

Korichi manneen murtii kunneen tajaajilaa haqaa sirrii laachuu irratti ergama itti laatame haala itti ba’aa jiran qaamaan argamuun sakkata’uuf akka ta’e ibsameera.

Daawwannaa kanaanis tajaajilamtoota, abbootii murtii, hojjettootaa fi hoggantoota waliin marii gaggeessuun haqa argame irratti deeggarsaa, hordoffii fi to’annoo gochuuf akka ta’e walitti qabaan koree xiqqaa dhimmoota seeraa obbo Haddush Azanaw ibsaniiru.

Keessattuu haqa mirkaneessuu irratti dhaabbiileen kunneen hanqinaa fi cimina qaban irratti kan xyyeeffatan ta’uu ibsaniiru.
Manni marichaa bu’ura itti gaafatamummaa itti laattameen rakkooleen akka hiikkatan gochuu irra darbee bakka tarkaanfiin fudhatamuu qabutti adabsiisuuf aangoo akka qabu ibsameera.

Dhaabbilee kunneen keessatti hanqinaaleen dhiyeessa meeshaalee fi rakkooleen sadarkaa sadarkaan jiran akka furmata argataniif deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu obbo Haddush dubbataniiru.

Maddi :-TOI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.