Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Paarlaamaa mootummaa Somaaliyaa filannoon akka itti fufu murteessan

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) – Mootummaan Somaaliyaa filannoon miseensota Mana Maree bakka bu’oota ummataa harkifamaa ture akka itti fufu murteessuun sagantaa isaa ifoomse.

Adeemsi Kenniinsi sagalee naannoo Gaalmuuduungitti erga eegalamee adda citee ture guyyoota itti aanaan keessa miseensonni paarlaamaa 21 akka filataman murteesseera.

Manni Maree biyyattii Muummee Ministiraa Huseen Roobleen durfamu jalqaba Baatii Amajjii walga’ii gaggeesseen koreen filachiiftuu hundi filannoo Miseensota Mana Maree bakka bu’oota ummataa akka saffisiisan hubachiiseera.

Tokkoon tokkoon isaanii guyyaa filannoo naannoo Federaalawaa itti geeggeessan gamanumaan akka beeksiisan manni marichaa ajeja dabarseera.

Filannoon Paarlaamaa biyyattii Gurraandhala 25 akka gaggeeffamu waliigalteerra ga’uu isaanii ‘The East African’ gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.