Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni paarlaamaa Paartii Badhaadhinaa bakka bu’anii fi hoggantooni waajjira paartichaa raawwii baatii 6 mootummaa gamaaggamuu eegalan

Finfinnee, Amajjii 27, 2015 (FBC)- Paartii badhaadhinaa kan bakka bu’an Miseensonni mana maree bakka bu’oota uummaataa fi hoggantooni waajjira olaanaa paartichaa raawwii baatiiwwan 6 mootummaa marii gamaaggama eegalan.

Waltajjicharratti Ittaanaa Pireezidaantii Paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah wayita waltajjicha jalqabdiisanitti, marichi akkaataa dambii paartichi wayita filannoo kaa’atee fi raawwii waadaa ummataaf seenamee akka gamaaggamu ibsaniiru.

Waltajjiin marichaa, raawwii kanneen sadarkaan adda baasuun fuulduratti sadarkaa caalutti ceesisuuf deeggarsaa fi hordoffii bu’aa qabeessaan hojjechuuf haala mijataa uumuuf ni tumsa jedhaniiru.

Gabaasa raawwii baatiiwwan ja’aa mootummaas Ministira Pilaanii fi Misoomsaa Dooktar Fitsum Asaffaan dhiyaateera.

Marii kanaan raawwii baatiiwwan ja’an darbanirratti marii bal’aa ni taasisaan kan eegamu ta’uu ragaan waajjira paartichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.