Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni poolisii hojii olaantummaa seeraa kabachiisuun cinaatti hojiiwwan misoomaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC)- Miseensonni poolisii hojii olaantummaa seeraa kabachiisuun cinaatti hojiiwwan misoomaarratti hirmaachaa jiraachuu Koomiishiniin Bulchiinsa Manneen Sirreessaa Oromiyaa beeksise.
Koomiishinarri Koomiishinii Bulchiinsa Manneen Sirreessaa Oromiyaa Qaasiim Galgaloon ibsa har’a laataniin akka beeksisanitti, poolisiin hojiilee misoomaa fi seera kabachiisuurratti daran hojjechaa jira.
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waamicha misooma biyyaarratti hunduu akka hirmaatu dhiyeessaniin miseensonni koomiishinichaa mindaa isaanii ji’a tokkoo misooma biyyaaf akka oolu waadaa seenaniiru.
Koomiishinar Qaasiim maallaqni kun ji’a tokko keessatti sadarkaa koomiishiniitti kan kennamu ta’uu himan.
Maallaqni walitti qabamus Birrii kuma dhibba 5 fi kuma 23 akka ta’es ibsaniiru.
Tumsi kun sadarkaa caasaa godinaa fi aanaattis bu’uun torbee dhufuu eegalee hojiirra ni oola jedhaniiru.

 

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.