Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Raayyaa Ittisaa duraanii Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa ta’uu isaanii mirkaneessan

Finfinnee, Adooleessa 18, 2013 (FBC) – Miseensonni Raayyaa Ittisaa duraanii dirqama kamiiniyyuu Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.

Miseensonni Raayyaa ittisaa fi waldaan misoomaa mata duree ‘Ityoophiyaa diiguun hin danda’amu, sababni isaas namni jira’ jedhuun qophii deeggarsaa Addabaabayii Masqalaatti qopheessaniiru.

Raayyaa Ittisaatti Daayreektarri Quunnamtii Ummataa Kolooneel Geetinnat Adaanan miseensoonni Raayyaa Ittisaa duraanii kunneen kakka’umsa isaaniin waqtii murteessaa kanatti deeggarsa qaban agarsiisuun isaanii galateeffataniiru.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa diina biyya diiguuf qophaa’e waliin wallaansoo taasiisaa jiru ogummaa qabaniin deeggaruuf qophii ta’uu Walitti Qabaan Waldichaa Ajejaan 50 Birihaanuu Amaaree dubbataniiru.

Waldichi guutuu Ityoophiyaatti dameewwan 287 fi miseensoota miiliyoona 1 ol qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.