Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Shanee 21 Aanaa Meettaa Walqixxeetti karaa nagaan harka laatan

Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa aanaa Meettaa Walqixxeetti miseensonni Shanee 21 karaa nagaan harka laachuu waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii godinichaa beeksiise.

Leenjii fi Ergama Shanee fudhachuun uummatarraa maallaqa funanaa, qabeenya milishaarratti tarkaanfiin akka fudhatamu, network gandaa hanga aanaatti ijaaruun odeeffannoo funaanuu fi daddabarsuun hidhannoo meeshaa waraanaa arganneen tarkaanfii fudhachaa turre jedhan namoonni harka kennatan kunneen.

Yeroo ammaa kanas ABO Shanee hooggansa gahaa kan hin qabnee fi mul’ata biyya ijaaruun kan hin hoogganamne, Oromoo ajjeessuu fi qabeenyasaa barbadeessuurratti kan xiyyeeffatan waan ta’aniif uummanni keenya hidhata ABO Shaneerraa adda ba’uu qabu jedhan.

Shaneen aanichatti gocha sukkanneessaa gara garaa raawwachaa kan turtee fi bu’uuraalee misoomaa, qabeenya waloo fi dhuunfaa, Ampuulaansii deessuu deddeebistu dabalatee Birrii Miiliyoona 28 ol baasu barbadeessuu himameera.

Namoota caasaa Shanee ta’an dhiifama gaafatan 21 keessaa 8 hidhannoo waliin warren harka kennatan ta’uu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.