Fana: At a Speed of Life!

Miseensoota garee ABUT fi qaamolee dhuunfaa shaneef deeggarsa maallaqaa taasiisanirra dhorkamni qabeenyaa kaa’ame

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) – Miseensoota garee ABUT fi qaamolee dhuunfaa shaneef deeggarsa maallaqaa taasiisanirra dhorkamni qabeenyaa kaa’amuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii beeksiiseera.
Miseensoota garee ABUT qaabeenya dhaabbataa Finfinnee qaban kanneen gama maatii fi bakka bo’oota isaaniin galii olaanaa kiraarraa argamu walitti qabuun ergama shororkeessummaaf oolchaa jiranirratti dhorkamni qabeenyaa kaa’amuu Humni Waloo T Nageenyaa fi Tasgabbii ifoomseera.
Akkasumas qaamoolee dhuunfaa garee shaneef deeggarsa maallaqaa taasiisuun shakkaman 141 sirni Faayinaansii isaanii akka adda citu taasiifamuu ibseera.
Hoggantootaa fi miseensoota garee ABUT Leetanaal Jeneeraal Taaddasaa Warradee dabalatee qabeenya namoota 19 irra dhorkamni kaa’amuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen himeera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.