Fana: At a Speed of Life!

Miseensoota garee Juuntaa adamsuu cinaatti naannoo Tigiraay hojiiwwan gara sirna idileetti deebisuu danda’an hojjetamuu qabu – Hayyoota

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC) – Miseensoota garee Juuntaa seeraan barbaadama adamsuu cinaatti naannoo Tigiraay hojiiwwan gara sirna idileetti deebisuu danda’an hojjetamuu akka qaban hayyoonni himan.

Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin turtii kan taasisan Yuunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan saayinsii siyaasaa gargaaraan profesaraa Abiyoot Dastaa akka ibsanitti wayita ammaa ummanni Tigiraay boqonaa marsaa jalqabaa eegaluun raayyaan ittisa biyyaa Maqalee to’achuu beeksiseera.

Boqonnaa amma argame itti fufiinsa akka qabaatuuf mootummaan hojii tasgabbii buusuu raawwachuu akka qabu dhaamaniiru.

Yuunivarsiitii Finfinneetti Dhaabbata nageenyaatti qorataa fi barsiisaa kan ta’an Dooktar Yoonas Aday gama isaaniin ummanni garee badii ABUT seeraatti dhiyeessu keessatti gumaacha isaa akka bahatu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.