Fana: At a Speed of Life!

Miseensoota poolisii dhaabbilee barnoota olaanaadha hojjetaniif leenjii laatama jira

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Miseensoota poolisii dhaabbilee barnoota olaanaadha hojjetaniif leenjii laatama jiraachuu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Leenjiicha Sandaafaatti kolleejjii yuunvarsiitii poolisii Ityoophiyaa ministeerichi fi poolisii federaalaa tumsaan laacha jiru.

Ministir deettaan Ministeera Nageenyaa aadde Fire’aalam Shibaabbaaw, dhaabbiilee barnoota olaanoo sababa vaayrasii koroonaatin cufamanii turan eegalchiisuuf shoorrii miseensa poolisii olaanaadha jedhaniiru.

Aadde Fire’aalam dhibeechi babal’aachaa jiraatuus of eggannoo taasisuu fi walitti bu’iinsi akka hin muudanneef miiseensi poolisii haala baruu fi barsiisuu nagaa taasisuun irraa akka eegamuu yaadachisaniiru.

Qamooleen nageenyaas nageenya eegsisuu qofaa osoo hin taanee dogogoroota muudatan gara barnootaatti jijjiiruun barsiisaa gorsaa ta’uu akka qabu dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.