Fana: At a Speed of Life!

Miseensota ABO shanee fi fakkaattota isaanii tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu qajeelchi Poolisii Godina Shawaa Kaabaa beeksise

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Humnoota badii yaaddoo nageenyaa ta’an yeroo dhumaatiif barbadeessuuf oopireeshinii godhamaa jiruun miseensota ABO shanee fi fakkaattota isaanii tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu qajeelchi Poolisii Godina Shawaa Kaabaa beeksisera.

Akka OBN gabaasetti gocha diinummaa fi badii ABOn Shanee raawwachaa jiru yeroo dhumaatiif barbadeessuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiruun haga ammaatti miseensonni ABO shane 12 yoo ajjeeffaman,7 Immoo boji’amuu hogganaa qajeelcha poolisii Godina Shawaa Kaabaa komaandar Taarikuu Dirbabaan ibsaniiru.

Kana malees fakkaattonnii fi ergamtoonni ABO Shanee 415 to’annaa seeraa jala oolanii murtee seeraa akka argataniif hojjatamaa jira jedhan.Meeshaaleen waraanaa gosti garagaraa dhibba tokko caaluu fi rasaasni gosti garagaraas kuma 27 oopireeshinii kanaan to’annoo seeraa jala oleeraa jedhaniiru.

Shiftoonni lubbuu baasaa turan 8 ajjefamu fi 47 immoo to’annaa seeraa jala akka oolanis himaniiru komaandar Taarikuun.

Ummanni fedhii misoomaa fi nageenyaa qabu daraan mirkaneessuun imala badhaadhinaa egalame yaddoo nagenyaa tokko malee itti fufsiisuufis hooggansi fi qaamolen nagenyaa sadarkaan jiran qindoominaan hojjachaa jiraachuu immoo Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa obbo Indeshaaw Birhaanuu himaniiru.

Miseensota ABO Shanee booji’aman keessaa warreen dubbisnes seenaa Oromoo xureessuu irraa waliin tokko taanee Injifannoo Oromoo itti fufsiisuu fi biyya kabajamtee jiraattu uumu qabna,amma illee warreen Juuntaa faana hiriirani kaayyoo isaa fiixaan baasuuf waraanatti galan motummaatti harka kennachuu qabu jechuun waamicha dhiheessaniru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.