Fana: At a Speed of Life!

Miseensota Raayyaa Ittisaa raawwii olaanaa galmeessaniif guddinni sadarkaa laatame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Qajeelcha Olaanaa Mahaandisii Raayyaa Ittisaatti Miseensota raawwii bu’aa qabeessa galmeessaniif guddinni sadarkaa laatameera.
Mootummaan akkaataa dambii bulchiinsa Raayyaa Ittisaan mirgaa miseensota Raayyaa Ittisaa kabajuuf xiyyeeffannoo olaanaa laatee hojjechaa jiraachuu Qajeelcha Olaanaa Mahaandisii Raayyaa Ittisaatti Daayreektarri bulchiinsa Faayinaansii fi Bakka bu’aan qajeelcha olaanaa Birgaader Jeneraal Darajjee Magarsaa ibsaniiru.
Miseensonni guddina sadarkaa argatan kanneen duula olaantummaa kabachiisuu keessatti bu’aa olaanaa galmeessiisanii fi yeroo turtii isaanii uwwisan ta’uu Qajeelcha Olaanaa Mahaandisii Raayyaa Ittisaatti Itti gaafatamaan qajeelcha misooma humna namaa Koloneel Simaachoo Anaaggaw dubbataniiru.
Haaluma kanaan miseensota 150f Itti aanaa ajejaa 10 hanga Koloneela guutuutti guddinni sadarkaa laatamuu ragaan Fuula Feesbuukii Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.