Fana: At a Speed of Life!

Miseensota Raayyaa Ittisaa sarbama mirga namoomaa raawwachuun shakkaman 60 irratti himanni baname –Ministeera Alaa

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC) – Miseensota Raayyaa Ittisaa Biyyaa sarbama mirga namoomaa raawwachuun Shakkaman 60 irratti himanni banamuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin dhimmoota waqtaawarratti ibsa torbee laataniiru.
Daawwannaan Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan tibbana Ityoophiyaatti taasiisan hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’u Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Preezdaanti Uhuuruu Keeniyaataan dhimmoota waloorratti marii bu’aa qabeessa taasiisuu himaniiru.
Waliigalteen Tajaajila Teeleekoomii Dhaabbata Giloobaal Paartinashiip Foora Ityoophiyaa waliin mallattaa’e diinagdee Ityoophiyaaf ga’ee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Lammiilee miiliyoona 1.5f carraa hojjii uumas jedhan.
Hojiileen dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffachuun hojjetameen bu’aa jajjabeessan argamuu Ambaasaaddar Diinaan kaasaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootaan Ityoophiyaa Kaanaadaa keessa jiraatan Ijaarsa Hidha Haaromsaaf Doolaara kuma dhibba 3 deeggarsa taasiisuu eeraniiru.
Torbee kana lammiileen kumni 1 fi 136 Baha Giddugaleessarraa gara biyyaa deebi’uu ibsaniiru.
Haala qabatama naannoo Tigraay ilaalchisee Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa, dhabbilee deeggarsa namoomaa fi bakka bu’oota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mariin taasiifamuu himaniiru.
Naannoo Tigraayitti duula olaantummaa seeraa kabachiisuu hordofee miidhaa qaqqabe deebisee ijaaruuf Mootummaan hojii heduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Lammiilee miiliyoona 4.5 deeggarsi qaqqabuu himaniiru.
Miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaa yakka sarbama mirga namoomaa raawwachuun shakkaman 60 irratti himanni banuu Ambaasaaddar Diinaan ibsa laatanii eeraniiru.
Zabiib Taklaayitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.