Fana: At a Speed of Life!

Misirrittiin waahillan (miinzolii) 200n heerumte

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Misirrittiin lammii Naayjeeriyaa waahillan (miinzolii) 200n dabaalamtee heerumuun galmee haaraa galmeessiste.

Misirrittiin gochaa ishee kanaan galmee addunyaa cabsuun namoota hedduu ajab jechisiisera.

Lammiin Naayjeeriyaa Saandiraa Ikeejii jedhamtu galmee dinqisiisoo adduunyaa irratti galmaa’uuf waahillan (miinzolii) 200n fayamuun galmee addunyaa cabsiteetti.

Misirrittiin yeroo jalqabaaf waahillan (miinzolii) 200n dabaalamtee heerumuun galmee addunyaa cabsuun ishii himameera.

Bara Faranjoota 2012ttii lammiin Ameerikaa Tiinaa Akiilees jedhamtu waahillan (miinzolii) 168n gaa’ela dhaabbattee galmee dinqisisoo addunyaarratti galmooftet turte.

Tibba kana ammoo Naayjeeriyaa magaalaa Leegoositti misirrittiin waahillan (miinzolii) 200n gaa’ela dhaabbattee riikardicha fooyyessuu dandeessetti.

Saandiraan dhaabbata galmee dinqisiisoo addunyaarrattii maqaashee galmeessisuuf cidha ishee ilaalchisuun odeeffannoo ga’aa laachaa turteetti.

Yaata’u malee dhaabbatichi Saandiiraan waahillan (miinzolii) 200n dabaalamuushee ifa hin goone.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.