Fana: At a Speed of Life!

Misirroonni sodaa vaayrasii koroonaaf, sirna gaa’elaa isaanii tamsaasa kallattiin taasisan

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Misirroonni sodaa vaayrasii koroonaaf sirna gaa’elaa isaanii tamsaasa kallattiin taasisuun dhaga’ame.

Ka’umsi isaa Chaayinaa kan ta’e koroonaa vaayrasiin sodaa guddaa idil addunyaa ta’eera.

Tatamsa’inni vaayrasichaa daran babal’achuun lubbuu namoota hedduu irratti miidhaa hamaa qaqqabsiisaa jira.

Tibba kana ammoo vaayrasichaan walqabatee Siingaapoor irraa oduun dhaga’ame dubbii ijoo ta’eera.

Misirroonni gaa’eela raawwachuuf sodaa vaayrasii koroonaaf sirna gaa’eela isaanii tamsaasa kallattiin taasisuuf murteessaniiru.

Misirroonni kunneen murticha kan fudhatan namoota sirna gaa’ela isaaniirratti hirmaatan keessa lammiin Chaayinaa tokko daawwiif gara magaalaa Wiihaan erga deemee booddeedha jedhameera.

Misirroonni kunneen vaayrasicharraa of baraaruuf guyyoota 14f kutaa addaa keessa turuu filataniiru.

Misirroonni kun guyyaa cidha isaanii haquurra fala kana malataniiru.

Haaluma kanaan affeeramtoonnii fi firoottan sirna gaa’ela isaaniirratti argaman harka walfuudhuu fi wal dubbisuun hafee hoteela sirna cidha isaanii itti gaggeeffatan keessatti teeknooloojii kaa’ameen firoottanii fi affeeramtoonni isaanii tamsaasa kallaattiin hordofaniiru.

Misirroonni kunneen namoota cidha isaanii irratti argamanii sirnicha tamsaasa kallattiin hordofan dhiifama gaafataniiru.

Maddi:-odiitiiseentiraal

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.