Fana: At a Speed of Life!

Misirroowwan qophii cidhasaaniin lammiilee rakkoo keessa jiran akka yaadatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Misirroowwan baasii qophii cidhasaaniif wayita baasan haala yeroo Ityoophiyaa fi lammiilee rakkoo keessa jiran ilaalcha keessa akka galchan abbootiin amantaa yaadachiisan.

Baasii qophiiwwan cidhaas ta’e ayyaanotarratti ba’an irraa hir’isuun lammiilee sababa waraanaan miidhaman gargaaruu fi warren qe’ee fi qabeenyasaniirraa buqqa’an gara jireenyasaanii duraatti deebisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Misirroowwan baatii Amajjii keessa sirna gaa’ela isaanii gaggeessan baasii isaaniirraa hir’isuun lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an yaadachuun baasii isaanii lammiilee kanneeniif deeggarsa akka taasisan mana amantaa Ortodoksii Tawaahidootti hogganaa olaanaan hambaa, mana kitaabaa fi godaambaa mana lubummaa waliigalaa Dooktar Malaa’ika Salaam Abbaa Qaalatsidiq gaafataniiru.

Misirroowwan dhiyeenyatti sirna gaa’ela isaanii raawwachuuf karoorfatan baasiisaaniirraa lammiilee miidhamaniif qooduun bara isaaniitti seenaa hojjechuu fi ijoollee isaaniif hojii gaarii dabarsuuf carraa gaarii kanatti fayyadamuu akka qaban Mana Amantaa dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaatti miseensa mana maree ulaamaa fi hogganaan damee araaraa Sheeh Mahaammad Siraaj dhaamaniiru.

Preezdaantiin Gamtaa Manneen Amantaa Wangeelaa Ityoophiyaa  Paastar Tsaadiquu Abdoo gamasaaniin, boqonnaa sammuu argachuu fi ajaja uumaa raawwachuuf lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an gargaaruurratti itti gaafatamummaa fudhachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Uummanni rakkatee gammachuu qophaa dabarsuun ulfaataa ta’uu fi lammiilee gargaaraa dabarsuun barbaachisaa ta’uu Mana Amantaa Kaatoolokii Ityoophiyaatti qindeessaan Gadaamii Laazaaristii magaalaa Finfinnee Abbaa Abinnat Abbabaa yaadachiisaniiru.

Deeggarsa walitti fufaa uummanni raayyaa ittisa biyyaaf taasisu galateeffachuun hojii gaarii kana  itti fufsiisuun itti gaafatamummaa lammii hundaa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.