Fana: At a Speed of Life!

Misooma sululaatiin lafa hektaara miiliyoona 2.1 misoomsuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Hojiin misooma sululaa godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti itti fufuu isaa Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise.

Hojiin misooma sululaa bara kanaa Amajjii 1, 2012 irraa eegalee godinaalee garaa garaa keessatti kan itti fufe ta’uu isaa itti aanaa hogganaa fi itti gaafatamaan damee qabeenya uumamaa fi wabii nyaataa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Indaalkaachaw Tafariin ibsaniiru.

Bara kana sulula misoomu karaa saayinsaawaa ta’een adda baasuun gara hojiitti kan galame ta’uu dubbataniiru.

Haaluma kanaan Oromiyaa keessatti lafa hektaara miiliyoona 2.1 hojii misooma sululaan misoomsuuf hojiin duulan eegalame bifa hoo’aan itti fufuu isaa obbo Indaalkaachaw dubbataniiru.

Misoomni kun sululawwan kuma 6 fi 448 irratti hojjetamaa jiraachuu fi namoonni miiliyoonni 6.8 irratti kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru.

Godinaalee 10 keessatti hojiin misooma sululaa ifaan kan eegalame yoo ta’u, godinaalee hafan 10 keessatti ammoo Amajjii 15, 2012 ni eegalama jedhaniiru.

Hojiin misooma sululaa kun baatii tokkoo fi guyyaa 15n itti fufiinsaan kan hojjetamu ta’uu obbo Indaalkaachaw himuu isaanii ragaan BDhKMNO irraa argame ni mul’sa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.