Fana: At a Speed of Life!

Misoomni daandii Naannoo Oromiyaa kiiloo meetira kuma 60 ol gahuu danda’eera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 27, 2015 (FBC)- Hanga kurmaana 3ffaatti misoomni daandii Naannoo Oromiyaa kiiloo meetira kuma 60 ol gahuu danda’eera jedhan Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, imala badhaadhinaa milkeessuu keessatti gahee daandiin qabu hubachuun mootummaan waliingahiinsa daandiif xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jira.

Haaluma kanaan, barana hanga kurmaana sadaffaatti qofa piroojektoota kaappitaalaatiin daandii cirrachaa fi asfaaltii kiiloo meetira 97.99, sagantaa walgahiinsa daandii baadiyyaatiin ammo daandii kiiloo meetira 937.5 ijaaruun danda’ameera jedhan.

Walumaagalatti kurmaana kana utuu hindabalanne misoomni daandii naannichaa Kiiloo meetira kuma 60 ol gahuu danda’eera jedhan.

Misoomni daandii imala hawaasaa gara badhaadhinaatti ceesisuuf taasifamu keessaatti qooda bakka hinbu’amne waan qabuuf waggoota itti aanaanittis xiyyeeffannaa addaatiin kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.