Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajoota Waldiyaatti argaman daawwatan

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ayyaana Iid Alfaxir sababeeffachuun Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajoota Kibbaa, Bahaa, 6ffaa fi 8ffaa Waldiyaatti argaman daawwataniiru.

Sagantaa daawwannaa Magaalaa Waldiyaatti gaggeeffamerratti miseensonni Raayyaa Ittisaa fi jiraattoonni naannichaa argamaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad miseensota hundaaf ergaa baga geessaanii dabarsaniiru.

Ityoophiyaan biyya Kiristiyaannii fi Islaamni jaalalaa fi tokkummaan barootaaf keessa jiraatan ta’uu eeruun, kunis madda eenyummaa ittiin boonnudha jedhan.

Ityoophiyaan seenaa dubbatamu qofa osoo hin taane lafa misoomuu fi ummata misoomsu qabdi jechuun ibsaniiru.

Diinni cimina kana hubatee misooma biyyattii gufachiisuu fi tokkummaa jiru laamsheessuuf hojjechaa jiraachuu hubatamuu qaba jedhan.

Jibbaan Ityoophiyaa moo’achuun kan hin danda’amne ta’uu hubachiisuun, qormaatilee fi gufuuleen heddummatanis guyyaa guyyaan jabaachaa deemna jedhan.

Utubaan Ityoophiyaa jalqabas xumuras Raayyaa Ittisaa ta’uu dubbataniiru.

Alaazar Taaddalaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.