Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Moolidaa Allahaan karaa Nabiyyuu Mahaammadiin eebba addunyaaf laatee itti yaadannuudha –MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2014(FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ayyaana Moolidaa 1496ffaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsanniiru.

MM Abiy Ahimad fuula Feesbuukii isaaniin ergaa dabarsaniin, barsiisa Nabiyyuu Mahaammad hordofuun wayita ayyaannicha kabajnu namoota harka qalleeyyii ta’aan deeggarunii jedhaniiru.

Yeroon ammaa duudhaleen Moolidaa caalmaatti yeroo itti nu barbaachiisuudha jedhaniiru.

Biyyi keenyaas tajaajila gaarii wayita itti barbaadduudha jedhaniiru.

Qormaatilee biyyatti muudatee ariitiin furree gara boqonnaa badhaadhinaa barbaannu qaqqabuuf caalmaan ni hojjennaa jedhaniiru.

Biyyi keenya diinoota keessaa ariitiin injifattee nageenyummaan ishee mirkanneessu qabna, gama dippiloomaasiitiin qormaatilee nu muudatan daandii dhugaa qabannee injifachuu qabna jedhan.qaala’iinsaa jireenyaa muudatee foyyeessuu fi hambisuus qabna jedhaniiru.

Qormatilee kanneen injifachuuf siiviiliis ta’ee loltoonni tajaajilaa gaarii laachuu qabu jedhaniiru.qormaatichis hunda galeessaa. Tajaajilichi hunda galeessa ta’uu qaba jedhaniiru.

Qormaatilee mudaataan sadeen furuuf daandiiwwan furmaataa sadii hojiirra ooluu qabu jedhan. Isaaniis waraanichi yeroo gababaa keessaatti injifachuu, dhiifamaa fi mariiwwan hirmaachisaa gaggeessuu, qormaatile diinagdee kan itti furamaan murtii maaykiroo diinagdee dabarsuudha jedhaniiru.

Hawaasni rakkichaa waliin osoo hin taanee furmaata waliin dhaabbachuu akka qabus waamicha dhiyeessaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

na.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.