Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Guyyaa Afrikaa sababeeffachuun erga dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 17,2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Guyyaa Afrikaa sababeeffachuun erga dabarsaniiru.

Ergaasaaniin, hoggantoonni Afrikaa tokkummaa abbootii duraaniin eegalame daran akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.

Finfinneen waggoota 60 dura guyyaa har’aa taatee adeemsa ardii Afrikaa gara fuula duraa murteessu keessummeessuu yaadachiisaniiru.

Wayita sana biyyoonni Afrikaa gita bittaa koloneeffattootaarraa bilisa ba’an 32 Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa Finfinneetti hundeessuu yaadachiisan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaasaaniin.

Yaa’ii hoggansaa Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa jalqabaan mootiin Hayilesillaaseen ergaa dabarsaniin, guyyaa har’aa tokkummaa keenya cimsuuf addunyaa fuuldura dhaabanneerra jechuu kaasaniiru.

Waggaa 60 booda yeroo ammaa Afrikaan baayyina uummataa biiliyoona 1.4 galmeessisuun addunyaarraa baayyina lakkoofsa uummataan sadarkaa 2ffaarratti kan argamtu ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa biyyoonni miseensa Gamtaa Afrikaa cimuun waltajjiiwwan idil addunyaarratti sagalee murteessaa qabaachaa jiraachuu eeruun, dhimmoota ardichaafi uummatasaa fayyadan irratti ejjennoo waloo beeksisuuniifi Afrikaaf dhaabbachuun fageenya dheeraa adeemuu addeessaniiru.

Haa ta’u malee ajandaa hawwii abboota keenyaafi kan keenyaa ta’e ajandaa 2063 dhugoomsuuf baayyeetu hafa kan jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, ajandaa abbootii hundeessitoota Dhaabbata Tokkummaa Afirikaa kan ta’eefi hundeeffama isaa dura labsame akkasumas hundeeffama isaa booda xiyyeeffannoo irratti taasisan kun dhimma waloo kan ture ta’uu ibsaniiru.

Haalli idil addunyaa waggoota 60 dura ture hundeeffama Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa hordofee jijjiiramuu yaadachiisaniiru.

Addunyaa walxaxaan har’a keessa jirru hawwii keenya kan ta’e tokkummaa Afrikaarratti akka xiyyeeffannu kan nu taasisanidha jedhaniiru.

Qabeenya biyya keenyaafi ardii keenya gara badhaadhinaatti fiduu dandeessisu qabaachuun keenya dhugaa hin haalamne jedhan.

Malaammaltummaa irratti qabsaa’uun, ardii keenya invastimantii biyya keessaafi idil addunyaaf haala mijeessuuniifi dandeettii guddaa uummataa fayyadamuun Afrikaa barbaannu uumuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Afrikaan nyaataan of danda’uu akka dandeessuufi qabeenya uumamaan badhaatuu ta’uu eeruun, dandeettii oomishuu dargaggootaafi kalaqa dameewwan qonnaa, indaastiriifi teekinooloojiirratti walitti qabuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Damee qonnaan oomishaafi oomishtummaa guddisuun bu’aa qabeessa ta’uun akka danda’amu Ityoophiyaan agarsiistuu ta’uu kaasuun, Ityoophiyaatti waggoottan lamaan darban rakkooleen nam-tolcheefi uumamaa mudatanis guddina isheerraa dhaabuu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Seenessa dogoggoraa Ityoophiyaafi Afrikaarra jiru bifa haaraan bocuuf kutannee kaaneerra jedhan.

Seenessi egeree keenya bocuu akka danda’u kanaan dura ibseera kan jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, nuti Afrikaanonni waggoota dheeraa dura seenesoota waa’ee keenya dubbatamaniifi nuhiin hin hojjetamiin ofitti fudhanneerra jedhan.

Adeemsi kun karaalee murteessoo lamaan jijjiiramuu qaba jedhan.

Karaan jalqabaa, Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti teessoo dhaabbii akkasumasmiseensota Garee 7fi Garee 20 keessatti bakka bu’iinsa argachuun ta’uu eeruun, karaan inni lammaffaan ammoo Miidiyaa Gamtaa Afrikaa Sadarkaa ardiitti hojjetu dhugoomsuun ta’uu ibsaniiru.

Guyyaa hundeeffama Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa 60ffaa wayita kabajnu hoggantoonniifi uummanni Afrikaa hundi ergaa tokkummaa abbootiin duraanii dabarsan hojiirra oolchuun ta’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.