Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad hoggantoota olaanoof muudama laatan

Finfinnee, Amajjii 12, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hoggantoota olaanoof muudamoota garaagaraa laataniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad bu’uura heera mootummaa keewwata 74 muraa 2’n Manni Maree Bakka Bu’oota muudamoota kanneen akka mirkaneessan gaafataniiru.

1. Dooktar Alamuu Simee  – Ministira Geejjibaa fi Loojistiksii

2. Dooktar Girmaa Amantee-Ministira Qonnaa

3. Injiinar Haabtaamuu Taganyi-Ministira Albuudaa ta’uun akka muudaman gaafataniiru.

Dabalataan Amajjii 10, 2015 eegaleen muudamoota argamaan gadii laataniiru.

1. Obbo Maammoo Mihiratuu – Bulchaa Baankii Biyyaalessaa

2. Aadde Alamtsahaay Phaawuloos – Itti Gaafatamtuu Waajjira Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimmoota Kaabinee,

3. Diiyaaqon Daani’eel Kibrat – Ministira Gorsaa Damee Hawaasummaa,

4. Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee – Ministira Gorsaa Imaammata Alaa

5. Obbo Mallas Alamuu – Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Damee Ijaarsa Sirna Diimookiraasii akka ta’an muudama laachuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.