Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Jigjigaatti daandiiwwan waggoottan sadeen darban ijaarramuun tajaajilaaf banaa ta’aan daawwatan

Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC)-Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti daandiiwwan aspaaltii waggoottan sadeen darban ijaarramuun tajaajilaaf banaa ta’aan daawwataniiru.

MM Abiy Ahimad, preezdaantii Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad dabalatee hoggantoota hojii mootummaa federaalaa fi naannoo Somaalee waliin ta’uu daandiiwwan aspaaltii Yuunvarsiitii Jigjigaa, ganda 05, Du’aalee akkasumas kanneen biroo daawwataniiru.

Akka gabaasa miidiyaa naannichaatti Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad daawwannaa hojii naannoo Somaaleetti taasisaan xumurun gara Finfinnee deebi’aniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.