Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad mana barumsa Teeknika Waraanaa Awaash Aarbaatti argamuun agarsiisa humna Waraanaa waloo daawwatan

Finfinnee, Amajjii 13, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Mana Barumsa Teeknika Waraanaa Awaash Aarbaatti argamuun agarsiisa waraanaa qindaa’aa Humna Qilleessaa fi Makaanaayizdii daawwataniiru.

Humna Qilleessaa fi Makaanaayizdii ammayyeessuun meeshaalee ammayyaa fi humna namaa muraasa ga’umsa olaanaan ijaaruun murteessaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Ajajaan Humna Waraanaa waliigalaa Abiy Ahimad ibsaniiru.

Daawwannicharratti Itaamaajoor Shuumii Humna Waraanaa Waliigalaa Fiildi Maarshaal Birihaanuu Juulaa dabalatee ajajoonni waraanaa biroo, Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel fi qondaaltoonni Raayyaa Ittisa argamuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.